Ambo University, Yuunivarsiitiin Amboo barnnota bara 2013 egalsiisuuf qophii xumuruu isaa beeksiise.
Автор: Ambo University
Загружено: 2020-11-02
Просмотров: 420
Daawwannaa guyyaa har'aatiin hojiiwwan gara garaa Yuniversitii Ambootti kaampaasiin Amboo, Maammoo Mazammir, Haacaaluu Hundeessaa, Hospitaala Riferaalaa Yuniversitii Amboo fi Giddu galli qorannoo Abbabach Goobaana boordii yuunivarsiitiidhaan daawwatamera.
Dr. Taaddasaa Qana'aa Pir. Yuniversitii Amboo barattoota eebbifamtoota 4,500 simannee barnoota adda citee ture itti fufsiisuuf qophii xumuruu himan. Iddoo Kutaa ciisicha Barattootaa Namoota sadiin, daree keessatti barattoota 30 akka hin caalletti, iddoo Nyaata barattootaa fi kanneen biroo akkaataa ittisa COVID 19 ittisuuf ministerri fayyaa baaseen qophiin xumuramuu Dr.Taaddaseen himaniiru.
Obbo Dhaabaa Dabalee Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa fi Walitti qabaan Boordiin Yuniversitii Amboo hojiiwwan yuniversitichaan hojjetamaa jiran hedduu kan nama boonsudha jedhan. Yuniversitii seenaa fi maqaa guddaa qabu kan ta'e yuniversitiin Amboo, eebbifamtoota Bara kanaa waliin Baruu barsiisuu eegaluufis qophiileen hundi xumuramuu Obbo Dhaabaan ibsaniiru.
Доступные форматы для скачивания:
Скачать видео mp4
-
Информация по загрузке: