YEROO DHEERAAF || Singer Girmaye Bayisa || Album 5 Track 6 || NEW GOSPEL SONG
Автор: GIRMAYE BAYISA OFFICIAL
Загружено: 2024-12-20
Просмотров: 11748
GIRMAYE BAYISA OFFICIAL
#girmaye_bayisa_official
#girmaye_bayisa_new_song
#girmaye_bayisa
ALBUM 5 TRACK 6
Yeroo dheeraan si duukaa deeme malee hin dandeenye kaayyoodhaan siwaaqessuu
Maaloo gooftaa jaamummaa ijakoo bani addan baasaa daandii samiitti geessuu
Manakeetti umurii fageesseera garuu ammayyuu dhugichatti xobbeedha
Ayyaanakeen yoo naaf golgite malee anoo Yesuus hir’uunkoo gad fagoodha
Dhaga’uudhaaf yeroo dheeraan dhag’ee sagaleenkee anaaf keessummaa miti
Fakkeessuudhaan al baayyeen si soossobe hin banamne balballi garaakootii
Anoo keetii sumattiin handhuuramee fannoo irratti miixuu cimaan na deessee
Gad nan dhiisin baasii natti baafteettaa na utubdee erga addaanaan na geese
Waa’eekootiif yaalii ati hin goone hin jiru, lolaafteetta dhiigakeemmoo isa caalu
cinaachikees anumaaf waraanamee qaraaniyoon ragaakeeti sin haalu
Siinis yakkeen namootas gaddisiise kan yaa’iqoob soda qabdi lubbuunkoo
Yoo dhiignikee irratti cophe malee anoo hin beeku waan balleessu cubbuukoo
Nabaatera gurmuunkee nan nuffine kunuunsikees takkaa natti hin hir’anne
Natu hin dhiifne michummaa biyya lafaa eenyummaankoos ammallee hin jijjiiramnee
Abiraamfaa waamichakeen ba’ani hin teessifnee idddoo rakkina qabu
Naanis maaloo keessakootti dubbadhu sagaleenkee garaa namaa hin dadhabuu
Доступные форматы для скачивания:
Скачать видео mp4
-
Информация по загрузке: