Ol Naqabde Mikaa'eel Ol na qabdeF/ttuu Qiddist Waganee
Загружено: 2025-11-19
Просмотров: 2158
Ol na qabde
===============
Ol na qabde Mikaa’el ol na qabdee
Ani eenyu waltajji irra kan na dhaabdee
Diinni kan koo muufateera diinni kan koo
Naaf dhaabbannaan Mikaa’eel ati maddi koo
Hin darbayyuu hin seene barri rakkina sunii
Martinuu tareera Mika’eel si waliin
Na fuldura baatee daandii koo sirreesuun
Na jabeesiteettaa akkan hin gufanneef
Akka har’aa mitii jiruun koo kaleessaa
Rakkataadha jechuun martinuu na dheessaa
Madaala namaatiin bakkan hin qabun turee
Mikaa’ela jechuun anis ol jedheeraa
Garaa haadha kootii jalqabdee na eegdee
Ijoollummaa kan koo ammas ol na qabdee
Jiruu kan koo har’aaf ati utubaadhaa
Kabajaa kan keetiif anis nan dhaabadhaa
Hawwi kiyya kana inni bara baay'ee
Kadhannaa kan keetiin har'a naaf milka'e
Jaalala kan keetiin hidhamte onnee koo
Ani si dagadhu mikaa'eel hirphaa koo
//========================//========//
luba abiyyi Zallaqaa
Доступные форматы для скачивания:
Скачать видео mp4
-
Информация по загрузке: