Manni Murtii Aadaa Haqa waggoota 18'f dhokate abbaa haqaaf galche.
Автор: OBN Oromiyaa [Oromia Broadcasting Network]
Загружено: 2023-11-27
Просмотров: 744
Gaaddisa Murtii Aadaan yakkamaan ofitti ragaa bahe.
Gaaddisa murtii idileen, dhugaa utuu hin taane ragaatu mataa goole.
Dhugaan ilmoo waqaatiin jechama Oromooti, jechama qofas utuu hin taane ilmoo waaqaa waan jedhu kana irraa goruufuu hedduu safeeffatas, Kunis hangam Oromoon dhugaaf kabajaa fi iddoo guddaa akka qabu agarsiisa.
Waa malee dubbii kana hin kaafne Oromoon dhusaa isaa ganamaan akkaataa itti dubbiifi wal-dhabdee fixu qaba.
Duudhaan dhugaa abbaa dhugaaf galchuu kun laafuunis uummanni hedduu itti miidhame.
Labsiifi qajeelfamootaan duudhaa ganamaa deebisuuf akka Oromiyaatti hojiin eegalame bu’aa seenaan hin daganne argamsiisaa jira.
Dhaabbilee uummataa duudhaa ganamaatti deebisuuf eegalame keessaammoo Gaaddisni murtii Aadaa hundaa’e wal-dhabdee hundeerraa furaa jira.
Godina Harargee Lixaa Aanaa Gammachiisitti waan gammachuutu dhagahame Gaaddisa murtii Aadaatu haqa waggoota 18'f awwaalamee ture baase, kan nama raajessummoo shakkamadhumatu murtii Aadaa safeeffatee yakka raawwateef ragaa ofitti bahe.
Dubbiin akkana, Obbo Abdurahmaan Mohaammad jiraataa Aanaa Gammachiis. Wagga 18'n har'aa biyyi nagaadha jedhanii gara galgalaa manasaaniitti galaa utuu jiranii qaamni hin beekamne dukkana daheeffachuun miidhaa qaamaa irraan ga'e. Yeroo sanatti gochaan raawwatame kun dukkana keessa waan ta'eef qaama kana raawwate himachufillee ragaan eessaa argama. namni shakkan jiraatus ragaan eessaa haa dhufu Utuu garaa isaan nyaattu guyyaan guyyaarratti barris bararratti daddabalamaa waggoonni 18 darban.
Boodarraa malaaf malli jira mucaaf harmi jira akkuma jedhamu Manni Murtii Aadaa Aanichatti hundaa'e.
Manni murtii kun Abbaa Gadaafi haadha siinqee dabalatee miseensota 6fi barreessaa tokko qaba.
Obbo Abdurahmaanis carraa kana fayyadamanii, miidhama isaanii waggaa 18 duraaf naman shakkutu jira,Naaf haa qulqulla'uu jedhanii himatan.
Manni Murtii Aadaa Aanichatti hundaa'es erga waan jiru qorateen booda, abbaa yakka kana raawwateera jedhamuun shakkameetti xalayaa barreessa. xalayaa kanas himataan abbootii murtee irraa fuudhe foolleetti kenna. Natural foollee
Foolleen ergannoo abbaa gadaati. Foolleen kun himatamaa bira dhaqee himatamteetta, dhiyaadhu jedhan.
Shakkamaanis erga dhiyaateen booda,namni kun dukkana keessaan dhahame jedhe, si himate.
Manni murtii irbuu qabdi, jechuun Alangee fi boollaa 7 qotame itti agarsiisu. Yoo haqa dabsite kanaan kakatta jedhuun. Yoo haqa dhoksite, Alangee kanaan hanga abba torbaa dugugamta. Harka keetiin dhooftee yoo hin dhoofnee jette harka keetu gubata. Yookiin boolla kanatti ibiddi qabatee fincaan keetiin dhaamsita. goote moo hin goone.
Mana murtii aadaa kanatti, Haqni kakuun(irbuun) argamti. Jalqaba alangeeen kakata.sanarra yoo darbee immoo boolli 7 qotamee jira. Boolla ibiddi keessaa boba'uu kana keessatti naa hambisu jedha.
Yoo ofitti amanee itti fincaa'a. Alangees yeroo sadii duguuga. Hanga abbaa torbaatti naa haa duguugu jechuun kakata.
Shakkamaanis irbuu kana waan sodaateef godheera jechuun ofirratti ragaa bahuun haqa baase.
Boodarra himatamaan guyyaan murtee dhaga'ee deema. himatamaan guyyaa beellamaa abbaa dhiigaa fidate dhufa. Abbaan dhiigaa nama himatamaa kanatti dhiyaatuufi murtee himatamaatti muramu gargaagruudha. Gaafa guyyaan murtii ga'e himatamaan abbaa dhiigaa qabatee dhaqe.
Boodarra Obbo Abdurahmaan waggaa 18'f dhugaa dhabanii garaa isaan nyaate, gumaa dhiigasaanii loon shaniin galatan. Natural Loon
Mana murtii aadaa kanatti haqa qofa miti kan abbaaf galtu. Mana himatas himatamaas araratu gala. Kanaaf jarri lameenu haaloof wal hin eeggatan. Araramuu isaanii agarsiisuuf aannaniifi nyaata dhiyaate waliin unachuun waliin nyaatu. Naturan waliin unachuufi nyaachuu
Mana Murtii Aadaa kanatti dhugaa baasuuf yoo baayyate guyyaa sadii itti fudhata. Sababni isaas asitti ragaa utuu hin taane haqatu barbaadama. Abbaa Gadaa Usmaan Umar Mohaammad jiraata aanaaa Gammachiisi. Irbuun waan qabduu itti himna, Kanaaf Aadaasaa waan kabajuufi irbuu waan sodaatuuf ni amana jedhu. Yoo dide ragaa waammatees kan ragaaf dhufuus irbuu kana bira hin darbu jedhu. UP Jaarsa biyyaa
Obbo Amaan Kadiir pirezidaantii Mana murtii Idilee aanaa Gammachiisi, kan dhugaa dhabee dhugaasaa argachuun cinatti Manni murtii aadaa kun mana murtii idilee fure jedhu.
Manni murtii idilee ragaa irratti hunda'ee murtee kenna. Tokko yoo gammadu tokko ni gadda. Mana murtii aadaa kanatti garuu himataanis himatamaanis ni gammadu jedhu, ragaa utuu hin taane dhugaan waan injifattuufi. Obbo Mohaammad Abdurahmaan Pirezidaantii mana murtii olaanaa Godina Harargee Lixaati, ummatallee nullee fayyadee jedhu.
Доступные форматы для скачивания:
Скачать видео mp4
-
Информация по загрузке: