SAMMUUN NAM-TOLCHEEN MAALI? WAAN BEEKKAMUU QABU
Автор: mormormedia
Загружено: 2025-09-04
Просмотров: 175
AI Jireenya Guyyaa Guyyaa Keessatti.
A.I. waan gara fuulduraatti dhufaatiin isaa eeggamu osoo hin ta'iin harki caalu dhufee nuwojjiin jira.
Meeshaalee hojii mana keessattiif ,yeroo bittaa raawwannu keessa seenee jira.
Kutaa 2: Smart Home – Gargaartoota Mana Keenyaa
Meeshaalee smart home akka Alexa fi Google Home jedhamaniif
Ifaa banuun,
ho’a manaa to’achuun,
sirna nageenyaa ,
kara sagalee qofaan eeguu danda’a.
Meeshaaleen kun yeroo hunda nama irraa baratanii, waan jaallannu nu yaadachiisu, fi playlist muuziqaa nuuf qopheessuus danda'u.
Kutaa 3: Bittaa Online
Bittaa online irratti illee A.I. hojii guddaa hojjata.
Amazon qofatti, meeshaa A.I. gorsa nuuf kennaa jiruudha gurgurtaa waliigalaa isaa keessaa %35 caalmaa qaba!
Kana jechuun bittaa keenya saffisaa fi dogongorfamuu irraa baraara.
Kutaa 4: Rakkoo Fayyaa adda baasuu irraa Kaasee Hanga Yaaluutti.
Fayyaa keessatti A.I. suuraalee qorannoo fayyaa sirriitti qorata.
Dhukkuba akka kansarii jalqabaa irratti adda baasu danda’a.
DeepMind, A.I. Google, dhukkuba ijaa 50 ol adda baasuu danda’ee jira jedhamee beekama.
Akkasumas, chatbot fayyaa, yeroo barbaannu gaaffii gaafannu nu deebisa, beellam nuuf qopheessa.
Kunis ogeessota fayyaa irraa ba’aa xiqqeessa.
Kutaa 5: Geejjiba Imala Nageenyaa,Tesla ykn konkolaataa ofiin of masaku beektu? Kun hundi A.I. dhaan adeemsifama.
Geejjiiba magaalaa keessatti illee, sirna A.I. fayyadamuun, dhiphina geejjibaa hir’isuun, boba’aa fi yeroo miliyoonotaan lakkaa'amu nuuf qusachuu danda’a.
Kutaa 6: Barnoota
Barnoota keessatti A.I. barattootaaf karoora dhuunfaa qopheessa.
Fakkeenyaaf Coursota barnoota darbe irratti hundaa’uun, koorsii jaalalaan barachuu danda'an akeekaaf.
Kutaa 7: Gaaffiilee Nama Yaaddessan
A.I. hojii namaa fudhatee namoota hojiin ala godhaa laata? → Hojii muraasa bakka bu’uun garuu carraa hojii haaraa banuu danda’a.
Odeeffannoo dhuunfaa keenya akkamitti akka eegannuufi → Kanneen odeeffannoo keenya fayyadamuu danda'an seera cimaan haala to’atamuu danda'an uuma.
A.I. dhugumaan nama akkuma namaatti ni hubata moo? →
gaaffii jedhuuf deebiin dhihaate ammaaf bira hin geenye kan jedhuudha.
Sababiin isaa Miira namaa hubachuun ulfaataa waan ta'eef jedhama
A.I. jireenya keenya guyyaa guyyaa jijjiiraa jiraachuu isaa irratti hundoofnee odeeffannoon isin biraan geenye yoo jaallattan,like gochuu hin irraanfatiinaa, subscribe gochuunis viidiyoo itti aanu argadhaa. Galatoomaa!”
Доступные форматы для скачивания:
Скачать видео mp4
-
Информация по загрузке: