Siidaa Iyyesuus kan bishaan copsu
Автор: Nuuralhudaa
Загружено: 8 апр. 2025 г.
Просмотров: 21 854 просмотра
Iyyannoo 101
as wr wb qophesitotaa dhadachaa jalalaa. Maqaan koo J.M Jedhama.
qophii keessaniraa akkan gamade. Hundi keessanuu galatoomaa jechaa gara iyyannoo kiyyaatti ceha. Aniifi jaartiin tiyya biyya ormaa keessa jiraanna. Asumatti bultii jaarranne. Ani haalaan isii jaaladha. Isiinis si jaaladha naan jetti. Garuu Rabbumaatu beeka. Jaartii tiyya tana waa heddun irraa jibbe. Sanirraa ta duraa na sobuu isiiti. Jaartiin tiyya tun ni sobdi. Gaafa duraa osoo nikaana hin hidhatin wayta waahee bultii wajji dubbannu, ani ammatti humna gahaa hin qabu. Waa xiqqoo dalagadhee eegan mana bitadhee booda bultii jaarranna jedheen. Isiin garuu humaa rakkoo hin qabu. Mana anaatu bita. Ani mallaqa gahaa qaba, usnee bultii haa jaarrannu. Manguddoo ergadhuu jalqaba nikaaha haa hidhannu naan jette. Hayyee yoo maatiin kee yoo mallaqa guddaa na gaafatan an hin dandayu. Qarshii kum 30 caalaa kennuu hin dandayu jedheen. Booda maatiin isii birrii 100,000 na gaafatan. Maatiin isii mallaqa dila kana na gaafannaan, ani mallaqa kana kafaluu hin dandayu jedheen. Isiin garuu itti na dhiibde. Ana bira mallaqni ni jira. Ati mallaqa barbaadii waan isaan si gaafatan kafalii nikaaha nuu godhi. Waan achi boodaa narratti dhiisi naan jette. Aniis jaalala isii waanin qabuuf mallaqa bakka seene seenee walitti qabee waan isaan na gaafatan kafalee nikaaha godhanne. Haala kanaan eega bultii jaarrannee baatii 3 wajji jiraannee booda, hayyee amma mana haa bitannu kaa jedheen. Isiinis mallaqa hin qabu naan jette. Deebisaan isii akkaan na rifachiise. Maali gaafa duraa mallaqa gahaa qaba naan hin jennee jedheen. Deebisaa hin qabdu. Na jalaa cal jette. Achi bodoa guyyaa muraasa turtee mallaqa maatii kiyya biraa qaba naan jette. Hayyee fuudhi kaa manaan bitannaa jedheen. Lakki gaafa biyyatti galle malee hin fuudhu naan jette. Anis irraa use.
Kijibni 2ffaa kan isiin natti kijibde ammoo, gaafa duraa qur’aana buusee jira naan jette. Garuu waanuma ittiin salaatanuu hin beeytu. Ka’ii qur’aana qara’i, ka’ii salaati hoggaan jedhuun ni mufatti. Waanuma hundaaf dallanti. Sababaa kanaaf jaalalli an isiif qabu irrachaa deemutti jira. Jaartii tiyya haalaan jaalachuu ture. Garuu sababaa natti kijibdee fi, sababaa salaataa kanaaf adda bahuuf deemna. Osoo gamas hin deemin gorsa keessan dhagahuu fedha. Murtii abbaa murtii obsaanin eeggadha. Galatoomaa.
Copyright Notice:
Reuploading any of our videos or content to another YouTube channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions.
We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to YouTube and requesting the removal of the unauthorised content.

Доступные форматы для скачивания:
Скачать видео mp4
-
Информация по загрузке: