Guta Teklu - Ati Karaadha
Автор: Guta Teklu
Загружено: 2022-08-19
Просмотров: 2847
#SUBSCRIBE #LIKE #SHARE
Ati karaadha
Ati karaadha
Ati dhugaadha
Ati jireenya
Hiiktee beeksiftee Waaqa Abbaa nu mul’iste
Yesus kiristoos si’i sagaleen olii dhufte
Ogeeyyiif beektoonni abboonni amantii
Xinxalaan heddu falaasamuudhaan
Walitti guurame dhama’inni hundumaa
Bu’aaf raawwiin isaanii ta’e wallaalummaa
Sammuun murtaa’aan dandeettiin namaa
Hammam yoo tumsame meeshaa hammayyaatiin
Yaali qofa ta’e ibsi isaani hundaayyu
Qoratani hin fixne uumama harka isaayyu
Nuuf garuu ija arguu nu bante
Gargaaraa hafuura kee nuuf ergite
Barootaaf goolgame kan dhokate
Eenyummaa kee ofii keen nu beeksiifte
Yesus karaa dha ati
Yesus dhugaa dha ati
Yesus jireenya ati
Warra hidhamani lapheen isaani cabees
Gaddaaf hiyyuumaatiin fala warra dhabes
Oduu gaarii fidde ayyaana abdii furu
warra xixxinayyoo hafuura gargaaru
Yesus gocha keetu Waaqa Abbaa dubbate
Innis si keessatti Atis isaan argamte
Jaalala tola isaa hojiin sin agarre
Sitti citne hafne karoora kee barre
Ayyaanniif dhugaan kee wal tumse
Hammina hundaatti nu fayyiise
Haaroomsiif diddirraan yaada garaa
Qajeelummaa kee hirmaachuun nuuf ta’eera
Доступные форматы для скачивания:
Скачать видео mp4
-
Информация по загрузке: